Donderdag 17 Oktober 2019

TPLF gara aangoo dhufuufi.



Taphi taaktikaa fi teeknikaa tplf taphachaa jirtu amma eegamuu ol kan nama ajaa'ibudha. Kabaroon oromoon taayitaa waan qabateef rukutaa tures turtii waggaa lamaa keesatti dacheee nyaachuufi. (ay carraa keenyaa)

Dubbichi akka Jawwaar ibsa ittti laatee fi beektoni ilaalaa jiranitti walitti maakamuun paartilee obboleenii IHAADIG afranii kun tumsa seeraa fi mirgaa fi ilaala bu'a qabeessa hin qabu.  Dhugumatti paartileen kunneen walitti makamuu isaanii dura akka seeraatti mana maree naanno isaanii kessatti marii erga godhanii booda of cabsanii ykn (dismantle) of godhu  diigamuu isaanis boordii filannoo biyyoolessaaf dabarsu ykn beeksisu .
Sana booda walitti dabalamuuf wal argu .

Hubadhaa !  diigamuutu ijaaramuu dursa .paartileen walii galan erga of diiganii walitti makamuuf yoo walii galanii mirga mootummaa ta'uu hin qabani. Akkamitti yoo jettan qaamni seera qabeessa ture of diiguu isaa erga beeksisee booda jiraachuun isaa yeroo xumuraaf hafeera ykn abjuu ta'eera jechuudha. Kana keessatti paartiin tplf walitti makamuu dide kun deebi'ee mirga mootummaa ta'uu qaba . Kun dhugaa eenyuullee arguuf jiruudha.paartii biyya bulchuuf filannoo moo'atee mana maree biyyaan seeraan tayitaa kan qabate keessaa paartii tokkicha maqaa ihaadigiin hafte taatee mirgaaf gonfoo moo'achuuf jirti.

Balaa kan fidu paartileen hundi yoo wal faana hin diigamne yoo tokko diddee hafteedha , tplf kophaa ishee bakka bu'aa ihaad taatee sirna ihaadig itti fufsiisuu ni dandeessi hanga filannoon geggeeffamee mootummaan ijaaramutti.

Balaa lammaffaan kan akka tplf (wayyaanee) aangoti deebitu kan taasisu paartilee maqaa aandinatii Itoophiyaan ijaaraman kan yero baayee mootummaa ce'umsaa ijaaruuf hawwanii carraa dhaban erga of diiganii boda gaaffii kana gaafatu. Kana keessatti carraa biyyattiin qabdu inni tokkoffaan balaa ijaaramuu mootummaa cehumsaa jalaa bahuuf fiannoon ishee  tplf deebistee muuduudha. Hin diigamne qaama mootummaa seera qabeessaa turte waan ta'eef.

Ykn immoo abjuun warra fiwudaal sun mirkanaa'ee harka warra afaan tokko ,funyaan tokkoo , ija tokkoo keessa galuudha. Kana rabbi nu haa oolchu.

Dubbichi yoo ati mana kee isa citaa kana diigde booda mana dhakaan siif ijaara namaan jedhanii , erga namichi mana isaa ishee citaayyuu diigee boodammoo ragaa qabeyyee mana kee durii sana fidi akka jechuuti.

Yaadannoof haa taa'u
October 18 /2019

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN