Vrydag 14 Februarie 2020

Jaal Daawud Ibsaa

Jaal Daawyd ibsaa (sibiila)

Dhugaan jaarsa kanaa miilla lamaan deemaa jirti . Ani nama gogaa sibiilaa uffatu akka jaarsa kanaa argee hin beeku , obsa daangaa hin qabne , yaada xumura hun qabne , beekumsa safara hin qabne fi mul'ata eenyuyyuu hatuu hin dandeenya nama qabu.

Jaal Daawud namoota akka leencoo lataa fi Leencoo baatii kanneen waliin hojjachuu fi mana qabsoo tokko keessa buluun isaayyuu gogaa namaa otoo hin taane gogaa sibiilaa qabaachuu isaa ragaa baha. Namoota waan ganama jedhan galgala hin yaadanne , jara garaan isaanii hanga laga abbayyaaa dheeratu fi akka ardii afrikaa baldhatu kanaa wajjin akkamitti akka ture waaqayyo qofti haa beeku.

Namoota akka Leencoo lataa fi baatii kana yookaan gateen deema ykn immoo nan ajjeesa malee dandeettiin ittiin isaaniif obsu hin qabu otoo ana ta'e. Jaal Daawud garuu ni danda'e. Nuti namoota kana lamaan  waggaa lama baachuu dadhabne jaal daawud garuu umurii isaa guutuu isaan danda'e , jaarsi kun sibiila malee dhala namaa qofa miti.

Jaal daawud otoo daawud ta'uu baatee, maqaan isaa " Iyyoob " jedhama ture. Iyyoob nama qaambi isaa otuu raammoon nyaatamuu waca maatii isaa danda'e nama gara rabbii qofa ilaaleedha .
Ijaa'iba

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN