Vrydag 21 Mei 2021

21/may /2021 Ibsa UN fi USA baasan

  USA fi UN Ibsa baasaniin, Itoophiyaatti ajjeechaa hojjettoota deeggarsa namoomaarratti raawwatu balaaleeffatan


Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Ameerikaan Itoophiyqa bakkeewwan Garagaraa fi naannoo Tigraayitti keessatti ajjeechaa hojjeettoota deeggarsa namoomaa irratti raawwate balaaleeffatan.

Guyyaa kaleessaa Kamisa, dhaabbileen lamaan ibsa baasaniin hojjeettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi akka taasifamu gaafataniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gama waajjira isaa Itoophiyaa jiruun ibsa baasen, baatiiwwan jaha darbanitti hojjettoonni deggarsa namoomaa sagal ajjeefamuu himeera.

Ajjeechaan kuni Naannoo Tigraayii fi Benishaangul Gumuuzitti raawwate jechuunis ibse.

Taatee dhiyeenya kana raawwateen, hojjetaan dhaabbata USAID, Tigraayi naannoo Qollaa Tambeenitti gaafa Eebla 28, 2021 loltoota Eertiraafi Itoophiyaatiin ajjeefamuutu himame.

Akka namoonni iJaan argan himanitti, namni kun hojjetaa gargaarsa namoomaa ta'uusaa ifatti himachuun lubbuusaa akka maaraniif kadhatus, loltootaan ajjeefameera jedhameera.

Haalli taateen kun itti mudates kan mul’isu, nageenya hojjettoota gargaarsa namoomaaf haalli mijataan jiraachuu dhabuufi Itoophiyaa keessatti bilisaan sochoo’anii hojjechuuf haalli jiru guyyaa guyyaan daran hammaachaa dhufuu isaati jechuun himaniiru.

Akkasumas rakkoon dhiittaa mirga namoomaa hammaachaa dhufuu isaa mul’isa jedheera Imbaasiin USA Itoophiyaa jiru ibsa isaatiin..
Itoophiyaatti qindeessituun deeggarsa namoomaa dhaabbatichaa Dr Kaatiriin Sozi ibsa baasaniin ajjeechaa raawwate balaaleeffataniiru.

Dr Kaatriin , Maatii hojjettoota deeggarsa namoomaa wareegamaniitti ergaa waaqni isin haa jajjabeessu jedhu dhaammachuun, akkaataa seera idil addunyaas ta'e biyyaa keessa jirutti hojjettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi taasifamuu qaba jechuun gaafataniiru.

Ajjeechaan raawwatame qaamolee walabaan akka qoratamanii fi kanneen ajjeechaa kana keessatti qooda fudhatan akka seeratti dhihaatan mootummaa Itoophiyaa gaafatanii, Akka lammata hin mudanneefis mootummaan akka hojjetu gaafataniiru.

Gama biraatiin, mootummaan Itoophiyaa nageenya siiviilotaa fi hawaasa gargaarsa namoomaa eeguuf itti gaafatamummaa guddaa qaba, jechuun Imbaasiin USA Finfinnee jiru ibsa baaseera.

Sanarra darbeemmoo, qaamoleen hidhatan hunduu itti gaafatamummaa seerota namoomaa idil-addunyaa eeguu qabu jedhe. .

Qaamoleen hidhatan hundinuu namoota gargaarsi barbaachisu hunda bira ga’amee hojiin akka dalagamuuf tumsa danqaarraa bilisa ta’ee fi walitti fufaa ta’e gochuurra darbee, hojjettoota gargaarsa namoomaaf sochii nagaa qabu mirkaneessu qabu jedheera ibsi mootummaa Amerikaa baase.

Sadaasa 2020 irraa kaasee, hojjettoonni gargaarsa namoomaa torba Naannoo Tigraayi keessatti qofa kan ajjeefaman yoo ta’u, namni dabalataa tokkos kutaa biyyattii biraa keessatti du’eeraa jechuun qaamoleen kunneen ibsa isaaniin heeraniiru.

Hojjattoonni kunneen kan ajjeefaman namoota gargaarsa fedhaniif hojii lubbuu baraaruu wayita raawwachaa turanitti kan jedhe ibsi kun , Ajjeechaa hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwatu cimsinee balaaleffannas jedheera.

Haa ta'u malee ajjeechaan qaama kamiinuu hojjattoota gargaarsa namoomaas haa ta'u sivilota biyyattii irratti raawwatamu kamuu dhaabbachuu qaba, warri ajjeechaa raawwatanis seeratti dhiyaachuu qabu jechuun ibsa isaaniin akeekkachiisaniiru. 

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN