Donderdag 13 Mei 2021

Oduu

 ***Ilmaan Oromoo irratti tarkaanfii fudhachuuf kallattii kahamuu mootummaan ifatti beeksise***

 Caamsaa 13,2021

ondaalli mootummaa Gaataachoo Baalchaa ajjeechaan uummata nagaa irratti raawwatu daranuu akka itti fufuuf kallattiin kennamuu isaa yaada akeeku BBC afaan Oromoo irratti ibse. 


Dubbii isaatiniis "Qaama nama ajjeesurratti tarkaanfii walgitu fudhachuuf kallatiin kaa'ameera" jechuun kan hime qondaalli mootummaa kun, ajjeechaawwan Oromoo irra gahaa jiran akka sirrii ta'eef ajaja kenname caasaan gadii kan hojii irra oolchaa jiru ta'uu isaa ibseera. 


Ajjeechaa Godina Qellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doollootti dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu jedhamurratti raawwatame ilaalchisuun qondaalli motummaa Naannoo Oromiyaa yaada kenneen, qaama nama ajjeesurratti tarkaanfiin walgitu akka fudhatamuuf kallattiin kaa'ameera, ta'us garuu ajjeechichi akka jedhamu ummata fulduratti raawwatamusaa qabu hinqabu jedhe.


Kana jechuun namuma nagaa qabanii nama ajjeese jechuun lubbuu ilmaan Oromoo hedduu gaaga'uuf akka jiran dubbii BBC waliin taasiseen ibseera. 


Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaan murtee seeraa malee dargaggoo Amaanu'eel irratti raawwatame akkaan isa yaaddessuu kaleessa ibsee ture.


Qondaalonni mootummaa PP Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa kana balaaleffachuu irratti kan argaman, hojii isaanii saaxiluun kan isaan aarse akka ta'etti ibsaa jiru. Akkasumas dhaabbata mirga namoomaa akka waan maqaa isaan balleessuuf hojjetuutti BBC waliin turtii taasisaniin ibsaa jiru. 


Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa gabaasi komishinichaa loogii qaba jechuun komataniiru.


Waa'ee ajjeechaa magaalaa Dambi Doollootti dargaggoo Amaanu'eel irratti raawwatee hagas mara quba akka hinqabne kan ibsan Obbo Geetaachoon, garuu tarkaanfiin fudhatamuu hin mormine.


''Tumsa uummataan tarkaanfiin fudhatamuun quba qaba malee tarkaanfiin sun akkamiin akka fudhatame, eenyuu akka fudhate hinbeeku. Addabaabaayiitti ajjeefamuu fi bakka biraatti ajjeefamuu wantan quba qabu hinjiru. Uummanni garuu mufannaa guddaa qabaachuu quban qaba.''


Garuu tarkaanfiin akkanaa fudhatamuun akka irra jiraatu nan amana kan jedhan qondaalli kun, ''Humnoonni kunneenis kaayyoonsaanii ajjeesuu waan ta'eef humni nageenyaas qaamolee kunneen saaxilee tarkaanfii fudhachuutu irra jira jedheen amana,'' jedhan.


''Humni nama ajjeesee nama jiilchuuf deemu irratti tarkaanfiin gosa kamiiyyuu, bakka kamittuu fudhatamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanaaf kallattii kaa'ee hojjetaa jira.''


''Qaamolee nama sababa ilaalcha siyaasaa isaaf manatti ajjeesaa jiranirratti addababaayii mitii eessattuu tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Tarkaanfiin gocha isaaniin walsimu fudhatamuu qaba ejjennoo jedhu qabna.''


''Komishinichi naannoo Oromiyaa maqaa balleessuurratti hojjeta''

Obbo Geetaachuun waa'ee ajjeechaa addabaabaayiirratti raawwatee quba hinqabu jedhanis, Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa garuu dargaggoon Amaanu'eel Wandimmuu jedhamu erga shakkamee to'atamee booda poolisiin addabaabaayiitti baasee ajjeese jechuun yaaddoo qabu ibsee ture.


Ofii kan jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu quba qabu, mootummaan naannicha bulchu akkamiin hin beeku? gaaffii jedhuuf akkasiin deebii kennan.


Obbo Geetaachoon akkas jedhan: ''Komishiniin mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo hundumaa naannicha maqaa balleessuudhaaf hojjeta waan ta'eef an odeeffannoo akkasii hinqabu.


''Komishinichi dhaqee argemoo oduuma miidiyaa hawaasummaa gabaase? Gabaasi kun gabaasa gurra namaa bu'u waan ta'eef ragaadhaan waan qulqullaa'e ta'uu qaba. Qaama hundarraa osoo hinta'in qaama gartokkee qofa dubbisanii gabaasi qopheessan fudhatama hinqbau.''


Qondaalli bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Qellem Wallaggaa akka jedhutti dargaggoon ajjeefame kun nama rukutee osoo baqatuu qabamee, isa booda akka ajjeefameedha.


Odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa, namoota ijaan arganii fi Komishinii Mirga Namoomaa ammoo daragaggoo Amaanu'eel erga qabamee booda humnoota nageenyaa mootummaan addabaabaayiitti ajjeefame kan jedhuudha.


Mootummaan nama yakkaan shakkee to'aterratti tarkaanfii ajjeechaa kan fudhatu yoo ta'e, kanneen hidhatanii rakkoo uumu jedhamaniin adda addummaansaa maaliree?


Obbo Geetaachoon deebii kennaniiru: ''Wanti kun akka jedhamu ta'uu dhiisuu danda'a. Humni nageenyaa akkamiin tarkaanfii sana fudhate? Utuu inni baqatuu rukutemoo, addabaabaayiitti baasee rukutemoo?


Hunduu qulqullaa'uu qaba. Namni kun akkamitti rukutamee qofa osoo hin taane akkamitti nama rukute kan jedhus qulqullaa'uu qaba.''


''Garuu wanti jala muramuun irra jiraatu, humni nama ajjeeseen, mata agadi qabachiiseen biyya kana keessatti shororkaa uumee jiraadha jedhu yoo jiraate, abadan jiraachuu hin danda'u. Tokko du'aa, kaan ammoo taa'ee ajjeesuun gonkumaa fudhatama hin qabu.''


Nama nama rukutee baqaterratti tarkaanfiin fudhatamuu qabu tarkaanfii akkamiiti jennee dursinee yaaduu hin dandeenyu kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''Tarkaanfiin sun erga fudhatamee booda kallattii ittiin deemamerratti wanti qulqullaa'u yoo jiraate qulqulleessuudha,'' jedhan.


''Wanti dogoggorames yoo jiraate sana booddee dubbachuutu danda'ama malee battaluma kun ta'etti gartuu kanatu kana raawwate jettee gabaasuuf ragaan guutuun hin jiru. Komishiniin mirga namoomaas ragaa guutuu waan of harkaa qabu natti hin fakkaatu, sirrachuu qaba borumaafuu.''


Komishinichi torbee darbe waan Oromiyaa keessa jiru qoradheera jedhee akka ibsetti, poolisiin waraqaa mana murtii malee nama qabaa, erguma manni murti mirga wabii eegeefii yookiin bilisaan gadi dhiiseellee hin gadhiisu, akkitti qabamanii jiranis gaarii miti jedhee ibsee ture.


Kanarratti akka Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti yaadi keessan maali jennee Obbo Geetaachoo gaafanneerra.


''Guutummaatti gabaasichi kan yeroosaa eeggate miti. Gabaasa waan Oromiyaan keessa jirtu agarsiisu miti. Komishinichi akka waan ofiisaatii gadi bu'ee qoratee adda baaseetti gabaasa dhiyeesse, sun dogoggora. Kanammoo Poolisiin Oromiyaas, Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaas ibsa irratti kennaniiru,'' jedhan.


Obbo Geetaachuun itti dabaluun, ''Gabaasichi ta'e jedhamee mootummaa naannichaa maqaa balleessuuf kan dhiyaateedha ejjennoo jedhu qaba mootummaan,'' jedhan.


Qabiyyee gabaasa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa keessa tokko, namoonni waraqaa mana murti malee poolisiidhaan hidhamu kan jedhuu fi manni murti akka ba'an wayita murteessullee mana hidhaa tursiifamaa jiru kan jedhuudha.


Obbo Geetaachoon gabaasi komishinichaa guutummaatti soba jedhanis, garuu namoonni hedduun osoo manni murti mirga wabii eegeefii jiruu akkasumas bilisaan gadi dhiisee jiruu mana hidhaatti ugguramnii jiraachuu BBC illeen yeroo garaa garaatti gabaasaa turun ni yaadatama.


Dhimma kana qondaala Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka bu'uun dubbatu kanaaf wayita dhiyeessinu, ''kun dhimma mootummaa naannoo keenyaa miti, dhimma seeraati. Dhimma seerri qabatee jiru irratti yaada kennuu hin danda'u,'' jedhanii turan.


Gabaasni nuti madda odeessa keenya BBC irraa arganne akka akeekutti ilmaan Oromoo nagaa ajjeesuun sirrii akka ta'etti himaa jira qondaalli mootummaa kun. Kun ammoo egeree biyyattiif daranuu madda yaaddoo akka ta'u ibsuun barbaachisaadha!

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN