Vrydag 16 Julie 2021

Istaandaard cufame

 Itoophiyaan Hayyama maxxansaa marsariitii Addis Standard kan  Finfinnee   Jaakeen jedhamu mulqamuu ishee  CPJ dabalatee  dhaabbileen gara garaa balaaleffatan  .


Gamtaan Awuroppaa, kan mirgoota gaazeessitootaaf mormu CPJ, Gareen Idil-Addunyaa Gaazexessitoota Daangaa-maleeyyii (RSF) akkasumas Waldaan Pireesii Biyya Alaa (FPA) damee afriikaa tarkaanii mootummaan Itoophiyaa fudhate mormaniiru.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ibsa kaleessa toora miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti maxxanseen, dhaabbatichi ''eejjannoo garee shororkeessaa gaggeessaa jira,'' jechuun hayyama Addis Standard dhorkuu beeksiiseera.

Waajjiirri Gamtaa Awurooppaa damee Itoophiyaa toora tiwiitara isaarratti, ''Miidiyaaleen sabaa himaa sirna dimookiraasii kamuuf bu'uura jechuun  Gaazexessitoonnis bilisaan hojiisaanii raawwachuunis murteessaadha jedhee  tarkaanfii abbaan taayitaa Itoophiyaa fudhate mormeera.

Gareen Idil-Addunyaa Gaazexessitoota Daangaa-maleeyyii (RSF) gamasaatiin, Abbaan Taayitaa Midiyaalee dhimmicha irratti ibsa akka kennuuf gaafachu ibsuun, abbaan Taayitichaa tarkaanfii dogoggoraa  fudhate jechuun balaaleffateera.

Gareen gaazexeessitoota daangaa maleeyyii RSF Itti dabaluun ''aangaa'onni biyyattii seeraan ala gaazeexeessitoota hidhuu fi bilisummaa  miidiyaalee  sarbuu dhaabbisuu qabu jedhe
Mirgoota gaazexessitoota kabachiisuuf kan hundeeffame ' Committee to Protect Journalists ' CPJn gama isaatiin,  Addis Standard waggootaaf gabaasaalee ciccimoo akkasumas yaadawwan namoonni ilaalcha isaanii ittiin ibsatan dhiyeessuun filannoo ta'ee kan tureedha jedheera.

Kanaafis''Aanga'oonni atattamaan hayyama Addis Standard haa deebisan, Gaazexessitoonnis haala bilisa ta'een hojii isaanii akka hojjatan gochuu qabu jechuunis akeekkachiiseera .

Haata'u malee Abbaan Taayitaa Miidiyaalee itoophiyaa , ibsa kenneen Addis Standard ajandaa garee akka shororkeessaatti farajamee raawwachiisa  jechuun himateera.

Hundeessituu miidiyaa Addis Standard kan taate Aadde Tsadaala Lammaa,gochi abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa raawwate sirrii miti jechuun , dhimmicha gara mana  murtiitti geessuu  akka yaadaa jiran rooyiters gabaaseera.


Abbaan taayitaa Itiophiyaa miidiyaalee cufuu fi Gaazexeessitota hidhuun addunyaa irraa beelarusitti aanee sadarkaa olaanaa qabateera.

Itoophiyaatti miidiyaalee heedduun kan cufaman oggaa ta'u , irra caalaan isanii miidiyaalee Oromooti.  

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN