Vrydag 16 Julie 2021

Waraana

 Injifatamuu isaa amanuu kan dide waajjirrii muummicha ministeeraa  ibsa abdii kutannaa baasuun uummati biyyattii naannoo Tigraayi irratti akka duuluuf waamicha waraanaa godheera


Muummichi ministeeraa biyya sabaa fi sablammootaa taate , ilaalcha doofaa fi dulloomaa ta'een hunkuraa jiru ammallee yeroo biyyattiin diigamuuf galgaleeffattee jirtuutti sabootni biyyattii gara maqalee duulu akka qaban waamichaa taasiseera.

Erga lafti ristii warra fiinxaleeyyii Amaaraa loltoota Tigraayiin qabamee booda boo'ichaa fi gadadoo  warra gondor dhaga'uu dadhabee uummati biyyattii nuuf dirmadhaa jedhee jira.



Loltoonni tplf lafa isaan irraa fudhatame humnaan deffachuuf loltoota gondar fooxaa uffatanii fi milishoota naannoolee biyyattii  daangaa Tigraayii fi Amaaraa giddutti akka raafutti haamaa jiru.

Dacheen abbaa kiyya durii walqaayitii fi raayyaan yoo narraa fudhatamte rasaasa dhugeen akka Teediroos ta'a jechuun guyyoota lama dura nagaa kan dhaammate pirizidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Agenyaw Taashaager , mootummaan feferaalaa loltoota tplf irratti tarkaanfii akka fudhatu ibsa kaleessa baaseen gaafatee ture.

Muuxannoo waraanaa fi leenjii loltummaa sadarkaa gadi aanaa kan qabu , dubartootaa fi daa'iman nagaa ajjeesuun kan beekamu humni addaa Oromiyaas gara daangaa walqaayit imalee jira.
Wal dhabdee dhimma daangaa Amaaraa fi Tigree dhimma biyyaa  gochaa kan jiran qondaaltonni mootummaa naannoo Amaaraa fi abbootiin siyaasaa isaanii, የሰሜኑ ምሽግ ይሰበር እንጂ ለላው ገብስ ነው , dawoon kaabaa haa cabu malee inni kan biraa ingirdaada kan jedhan dagachuun sabaa fi sablammoonni biyyattii nuuf birmadhaa jechuun haleellaa guyyaa lama isaan irratti baname ofirraa qalachuu dadhabanii,  heera kanaan dura mormaa turan ህገ መንስት ይከበር jechaa jiru.

Waggaa sadii dura uummati Itoophiyattii  dandeettiin waa yaadachuu isaa gababaadha kan jedhan muummeen ministeera biyya diigaa jiran Abiyyi Ahmad , oopireeshinii geggeessaniin loltoota tplf daakuu gochuu isaanii himuun,  lammata sodaa biyyaa akka hin taane kan himan  guyyoota muraasa dura ture.
Lukkuu dhibamteef sangaa hin qallu kan jedhan koroneel Abiyyi Ahamd, lafti amaaraa fudhatamuurra isin deemaa dhumaa jechuun ummata biyyattiif dhaamsa dabarsaniiru.

Gochi Pirizidaantiin Itoophiyaa duraanii koroneel mangistuu Hayile maayriyaam ሁሉም ወደ ጦር ግንባር hunduu gara adda waraanaa jechuun,  ofii immoo guyyaa saafaa xiyyaara kaafachuun zimbaabuwee qubatan sun seenaa lammaffaa ta'uuf waan jiru fakkaata.

Kanaan dura uummata biyyattii kakaasuuf kaambii waraanaa iizii kaabaatu haleelame kan jedhan muummeen kun , amma immoo naannoo tokkoof looguun , naannoo biraa waraanuu qabna jechuun uummata kakaasaa jiru.

Loltoonni tplf oopireeshiinii  isaanii maqaa duula dubartoota Tigraayi jedhuun kibba naannichaatti eegalan xumuruun, guyyaa har'aa gara lixa Tigraayiin dachee isaanii keessaa diinota qulleessuu eegalaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa sagantaa biyya diiguu isaa kan itti fufee jiru oggaa ta'uu, sabonni cunqurfamoon biyyattii immoo mirga isaaniif falmachuu itti fufaniiru.







Istaandaard cufame

 Itoophiyaan Hayyama maxxansaa marsariitii Addis Standard kan  Finfinnee   Jaakeen jedhamu mulqamuu ishee  CPJ dabalatee  dhaabbileen gara garaa balaaleffatan  .


Gamtaan Awuroppaa, kan mirgoota gaazeessitootaaf mormu CPJ, Gareen Idil-Addunyaa Gaazexessitoota Daangaa-maleeyyii (RSF) akkasumas Waldaan Pireesii Biyya Alaa (FPA) damee afriikaa tarkaanii mootummaan Itoophiyaa fudhate mormaniiru.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ibsa kaleessa toora miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti maxxanseen, dhaabbatichi ''eejjannoo garee shororkeessaa gaggeessaa jira,'' jechuun hayyama Addis Standard dhorkuu beeksiiseera.

Waajjiirri Gamtaa Awurooppaa damee Itoophiyaa toora tiwiitara isaarratti, ''Miidiyaaleen sabaa himaa sirna dimookiraasii kamuuf bu'uura jechuun  Gaazexessitoonnis bilisaan hojiisaanii raawwachuunis murteessaadha jedhee  tarkaanfii abbaan taayitaa Itoophiyaa fudhate mormeera.

Gareen Idil-Addunyaa Gaazexessitoota Daangaa-maleeyyii (RSF) gamasaatiin, Abbaan Taayitaa Midiyaalee dhimmicha irratti ibsa akka kennuuf gaafachu ibsuun, abbaan Taayitichaa tarkaanfii dogoggoraa  fudhate jechuun balaaleffateera.

Gareen gaazexeessitoota daangaa maleeyyii RSF Itti dabaluun ''aangaa'onni biyyattii seeraan ala gaazeexeessitoota hidhuu fi bilisummaa  miidiyaalee  sarbuu dhaabbisuu qabu jedhe
Mirgoota gaazexessitoota kabachiisuuf kan hundeeffame ' Committee to Protect Journalists ' CPJn gama isaatiin,  Addis Standard waggootaaf gabaasaalee ciccimoo akkasumas yaadawwan namoonni ilaalcha isaanii ittiin ibsatan dhiyeessuun filannoo ta'ee kan tureedha jedheera.

Kanaafis''Aanga'oonni atattamaan hayyama Addis Standard haa deebisan, Gaazexessitoonnis haala bilisa ta'een hojii isaanii akka hojjatan gochuu qabu jechuunis akeekkachiiseera .

Haata'u malee Abbaan Taayitaa Miidiyaalee itoophiyaa , ibsa kenneen Addis Standard ajandaa garee akka shororkeessaatti farajamee raawwachiisa  jechuun himateera.

Hundeessituu miidiyaa Addis Standard kan taate Aadde Tsadaala Lammaa,gochi abbaan taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa raawwate sirrii miti jechuun , dhimmicha gara mana  murtiitti geessuu  akka yaadaa jiran rooyiters gabaaseera.


Abbaan taayitaa Itiophiyaa miidiyaalee cufuu fi Gaazexeessitota hidhuun addunyaa irraa beelarusitti aanee sadarkaa olaanaa qabateera.

Itoophiyaatti miidiyaalee heedduun kan cufaman oggaa ta'u , irra caalaan isanii miidiyaalee Oromooti.  

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN