Saterdag 06 Julie 2019

Haati warraa shifticha Asaamminoo ragaa dabataa kennaa jirti

Haadha warraa shiftaa Asaamminoo irraa ragaan dabalataa argamaa jira _____________________________________________Haati warraa B/J Asaamminaw Tsiggee Aadde Dastaa Asaffaa qorannoo irratti qondaalli nageenyaa duraanii Naannoo Amaaraa B/J Asaamminaw Tsiggee abbaa warraa koo miti jechuun mormuusaanii dhagahame. Itti gaafatamaan waajjira bulchinsaafi nageenyaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Solomoon Taaddasaa BBC Afaan Oromootti akka himanitti, booda garuu amananiiru. ''Homaa walirraa hin qabnu, erga gaa'ila keenyaanya hiikne turreerra'' jedhanii turan kan jedhan Obbo Solomoon, xumura irratti garuu ''ragaa gaa'ilaa fi daa'ima waliin qabaachuu akkasumas qabeenya waliin horachuu amanteetti,'' jedhaniiru. Gaazexeessituu galgala ajjeechaan raawwate B/J Asaamminaw 'dubbiste' Kunis kan ta'e, akka isaan jedhanitti, 'waraqaan gaa'elaa walii mallatteessan mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Buraayuuti waan argameefi'. Poolisiin gaafa Kamisaa ture mana jireenya isaanii magaalaa Buraayyuu bakka Ashawaa Meedaa jedhamuuti kan to'ate. Qorannoon itti fufu kan dubbatan Obbo Soloomon, ''Wanni haaraa adda addaa ragaadhaaf nu gargaaru argameera,'' jedhaniiru. Haa ta'u malee, hanga qorannoon xumuramutti miidiyaaf ibsuuf hin feene. Gama kaaniin, humni addaa Naannoo Amaaraa tokko magaalaa Buraayyuu keessatti to'atame 'gaafa Baahirdaaritti rakkoon dhalate dhokachuuf gara Buraayyuu dhufe' jedhaniiru. Humni addaa biraa janaraala Baahirdaaritti ajjeefaman waliin hidhata qabu eeruu haadha warraatin hordofamaa akka jiru ibsameera. Torban darbe qorannoo poolisiin mana jireenyaa B/J Asaamminaw Tsigge taasiseen meeshaa waraanaa, rasaasa, konkolaataafi ragaawwan adda addaa walitti qabuu isaa ibsuun ni yaadatama. Poolisiin maaliif to'ate? Maatii qondaala fonqolcha mootummaan shakkamanii lola irratti ajjeefaman maaliif to'ate jennee kan gaafanne qondaalli nageenyaa Buraayyuu, odeeffannoof ta'u ibsu. ''Maatii ta'un nama hin to'achiisuu, garuu qorannaa dabalataaf yeroo barbaannetti ni fayyada,'' jechuun deeggarsa seeraa akka qabu himu. ''Poolisiin maatii waan ta'anif qofa akka hin hiine, ragaa adda addaa qindeeffachuuf hidhe,'' jedhan. Sababni isaas, akka isaan jedhanitti maatiin keessumaa namni dhihoo haadha warraa nama sochii nama fonqolcha mootummaa, mootummaatin shakkame waan ta'ef akka ta'e himu. "Yaalii fonqolchaa' dabalatee rakkoolee biroof furmaatni filannoodha" Qorannoo kana karaa poolisii federaalaa Komishinii poolisii naannoo Amaaraa waliin itti fufuufi akkuma xumurameen ummataaf ifa akka ta'u kan himan. Gama kaaniin, shakkamtoonni ji'oota muraasa dura achuma Buraayyuutti kilaashii 105 waliin qabaman murtii isaanii eeggachaa jiraachuu Obbo Solomoon BBC'tti himaniiru.

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN