Woensdag 12 Mei 2021

Oduu 13/5/2021

 Magaalaa finfinnetti Sirni afxirii fiinxaleyyii sirna qeenxee leellisaniin erga dhorkamee guyyaa lama booda baajata mootummaa Itoophiyaatiin guyyaa kaleessaa bifa hoo'aa ta'een raawwatameera.



Sirni afxirii guyyaa dheengaddaa magaalaa finfinnee marfata Abiyootitti geggeeffamuuf ture qindoomina humnootni fiinxaleeyii sirna moofaa leellisanii fi mootummaan Itoophiyaa taasisaniin haqamee turuun isaa ni yaadatama.

Bulchiinsi magaalaa finfinnee xalayyawwan wal xaxaa fi wal falmiisiisaa ta'an adda addaa bareessuun yeroo tokko ayyame yeroo biraa immoo dhorkuun isaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee erga bulchiinsi magaalaa finfinnee gocha dalagetti gaabbuun hawaasa bal'aa amataa Islaamaa hordofan dhiifama gaafatee booda guyyaa kaleessaa haala hoo'aa ta'een kabajameera.

bulchinsa magalaa finfinneetti , Itti aantuun kantiibaa magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee gocha farra amantaa fi wal qixxummaa raawwatameef dhiifama gaafachuun gochichi waliin jireenya hawaasa biyyattiif bu'aa hin qabus jedhanii turani.

Kanaanis guyyaa kaleessaa bakka haawasni musliimaa fi jaallattoonni isaa kumaatamaan lakkaa'an argamanitti sirni afxirii daandii gubbaa geggeeffameera.

Sirnicha irrattis abbootiin amantaalee fi ulaamonni gurguddoon walitti dhufuun soomana waliin hiikaniiru. Qondaaltonni mootummaa federaalaawaa fi naannolee, akkasumas hordoftoonni amantaalee biraas sirna afxirii obboleewwan isaa amantaa Islaamaa hordofan iratti argamaniiru. Kanaanis gochi gaarummaa qabu kaleessa marfata Abiyootitti godhame yaada warra Itoophiyaa moofaa kan cabseedha.

Marfati Abiyoot ykn adda baabayiin masqalaa qabeenya qaama kamiiyyuu otoo hin taane bakka qophiileen uumata heedduu hirmaachisu itti raawwatamaniidha.

Kanaanis qaamni marfati Abiyoot qabeenya kiyya qofa jechuun qophiilee qamni biraa geggeeffatu danquuf yaaluu farra waliin jireenya sabaaf sablammootaa fi amantiiti jedhamuun qeeqamaa jiru.

Magaalaan finfinnee wiirtuu fiinxaleeyii sirna moofaa waan taateef magaalicha keessatti qophileen aadaa fi amantaa adda addaa kabaja hin qabanu. Gareen mankararsaan magaalicha dhuunaftee jiru ilaalcha farra wal qixxummaa qabaachuu isaatiin magaalattiin mandara walitti bu'iinsaa taatee jirti.

Bara darbe gareen mankaraarsaan sirna durii leellisu barjaa bakka kabaja irreecha hora finfinnee fi Odaa Abbootiin Gadaa dhaaban buqqisuun isaanii ni yaadatama.





Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN