Donderdag 14 Maart 2019

Bakki awwaalcha nadhii argame

Bakki awwaalcha njaal nadhii gammadaa argame.bakki awwaalcha qabsa'aa adda bilisummaa oromoo durii jaal nadhii gammadaa godina baalee keessatti akka argame qorattoonni isa barbaadaa turan ibsanii jiru. Jaal nadhiin bakka kanatti awaalame jechuun jila biraa wajjin kan garisitti imalan bergederaal jeneraal kamaal galchuu lafee qabsa'aa kanaa akka baasan ibsani. Yeroo nadhiin qabame bj kamaal galchuu ajajaa waraanaa mootummaa naannoo sanaa ta'uun hojjachaa turuun isaanii fi ofii isaaniif immoo nadhiin asitti awwaalame hechuun dubbichi walxaxaa fi waantonni dhokatan akka jiran uummati gumgumaa jiraachuu namootni jaal ndhiin lubbuun nuuf gala jechuun abdii qaban yaaddoo isaanii dubbachaa jiru. Jaal nadhiin haala kamii fi akkamiti akka ajjeefame ,oggaa nadhiin awaalamu eentutu arge, namni bakka awwaala namaa beeku namuma akkataa du'a namaa beeku waan ta'eef namni bakka awwaala qabsa'aa kanaa hime haala ajjeefamuu isaas uummataaf akka himuu qabu jiraattonni gaaftani. Haala kanaan wal qabatee kamaal galchuu irratti gumgummiin akka geggeeffamaa jiruu fi oduun kamaal duraanuu ajjeefamuu nadhii ni beeka jedhus miidiyaa awwaasaa irra deddeemaa jira. Nadhii uummatni oromoo si yaadata !

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN