Sondag 10 Maart 2019

Xiyyaarri itoophiyaa caccabe

Xiyyaarri itoophiyaa caccabe.

Xiyyaarrii qabeenyummaan isaa ethiopianeairlines ta'e boing 737e,t taate har'a magaalaa finfinnee irraa gara naairoobii otoo deemuu kuftee caccabde.

Xiyyaarichi ganama sa'a 08:am buufata xiyyaaraa idi addunyaa boolee irraa ka'e kallattii kibbaatti  61.8km erga balali'ee booda naannoo magaalaa bishooftuutti kufee kan caccabe oggaa ta'u imaltoota 149 kan lammiilee biyyoota 33 fi hojjattoota xiyyaarichaa 8 walugaa galatti namootni 157 lubbuun darbuu sararri qilleensichaa fi hojjattootni lubbu baraartotaa beeksisan .

Sababi kufaatii xiyyaarichaa waanti jedhame jiraachuu baatus xiyyaarichi kan kufe erga finfinnee irraa ka'ee daqiiqaa 6 booda. Kanaan wal qabatee waajjirri muummicha ministeeraa itoophiyaa fi pirizidaantiin keenyaa uhuuruu keniyaattaa gadda isaanitti dhaga 'aame ibsataniiru.

Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN