Woensdag 12 Mei 2021

Oduu gaddaa 12/5/2021

 Waraanni mootummaa abbaa hirree Dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu marfata magaalaa Dambi Doolloo irratti ija hawaasa duratti baasuun rasaasa itti roobsuun ajjeese.


Waraanni mootummaa abbaa hirree Itoophiyaa magaalaa qellem waggaa magaalaa Dambi doollootti dargaggoo Amaanu'eel Wandimuu jedhamu marfata magaalichaatti baasuun bakka hawaasi ilaalutti haala nama suukanneessuun ajjeechaa irratti raawwatee jira.


Loltoonni mootummaa fi milishaan magaalaa Dambi doolloo dargaggoo kanaan ati miseensa abbaa torbeeti jechuun erga qabanii booda shugguxa piistool morma isaa irratti fannisuun miilla isaa erga rasaasaan rukutanii booda gara marfata magaalaa dambi doolloo geessuun uummata yaasaanii bakka uummati heedduun ilaalutti raasasa heedduu itti roobsuun ajjeechaa gara jabinaa irratti raawwateera.


wajjirri dhimmota koomunikeeshii magaalaa Dambi doolloo dargaggoon kun miseensa abbaa torbee waan ta'eef tarkaanfii irratti fudhannerra jechuun ija jabinaan ajjeechaa kanaan dhaadateera

Ajjeechaan akkasii magaalaa dambi doollootti irra deddeebiin raawwatamaa kan ture oggaa ta'u , yeroo darbe waraanni mootummaa abbaa fi haadha bakka tokkotti ajjeesuun daa'imman maatii malee hambisuun isaanii ni yaadatama.

Gochi humnootni nageenyaa magaalaa dambi doollootti rawwwatan kun , gocha sirnoota Itoophiyaa darbaniin uummata oromoo irratti raawwatamaa turaniidha.


Ajjechaa suukanneessaan dargaggoo Amaanu'eel jedhamu irratti raawwatame gocha farra oromoo ta'ee fi Itoophiyaan ilaalcha oromoof qabdu kan hin jijjiirre ta'uu ishee kan mullisuudha.

Magalaa dambi doolloo keessatti qaamoleen nageenyaa maqaa abbaa torbee jedhuun hawaasa nagaa dararuun ajjeessaa turuun isaanii ni yaadatama.

Biyya seerri jiru keessatti murtiin addabaabayii irratti ajjeefamuu dhala nama irratti qaamolee nageenyaa mootummaatiin raawwatamu bu'uura seera kan hin qabnee fi seera yakka namoomaatiinis kan nama gaafachiisuudha.

Bifuma wal fakkaatuun Godina Buunnoo Beddellee keessatti namootni saddeet humnoota mootummaatiin ajjeefamuun dhaga'ame.

Godinichatti ajaja bulchaan Godina buunnoo beddellee kenneen guyyaa dheengaddaa namootni saddeet shanee wajjin hidhata qabdu jedhamuun poolisii humna addaa oromiyaatiin ajjeefamanii laga gabbaa irratti erga gatamanii booda guyyaa kaleessaa reeffi namota kenneenii qarqara laga gabbaa irraa argamera. argameera.

Lagni gabbaa giddu galeessa aanaa cooraa fi Yaayyootti kan argamu oggaa ta'u , gochi dhala namaa ajjeesanii laga gubbaatti gatuu kanaan duras aanaa cooraatti raawwatamuun isaa ni yaadatamaa.

Ajjeechawwan suukanneessaan akkanaa ilmaan oromoo iratti bakkoota garagaraatti raawwatamu daran hammaachaa fi dabalaa jiraachuun beekamera







Geen opmerkings nie:

Plaas 'n opmerking

GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN