Vrydag 21 Mei 2021

21/may /2021 Ibsa UN fi USA baasan

  USA fi UN Ibsa baasaniin, Itoophiyaatti ajjeechaa hojjettoota deeggarsa namoomaarratti raawwatu balaaleeffatan


Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Ameerikaan Itoophiyqa bakkeewwan Garagaraa fi naannoo Tigraayitti keessatti ajjeechaa hojjeettoota deeggarsa namoomaa irratti raawwate balaaleeffatan.

Guyyaa kaleessaa Kamisa, dhaabbileen lamaan ibsa baasaniin hojjeettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi akka taasifamu gaafataniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gama waajjira isaa Itoophiyaa jiruun ibsa baasen, baatiiwwan jaha darbanitti hojjettoonni deggarsa namoomaa sagal ajjeefamuu himeera.

Ajjeechaan kuni Naannoo Tigraayii fi Benishaangul Gumuuzitti raawwate jechuunis ibse.

Taatee dhiyeenya kana raawwateen, hojjetaan dhaabbata USAID, Tigraayi naannoo Qollaa Tambeenitti gaafa Eebla 28, 2021 loltoota Eertiraafi Itoophiyaatiin ajjeefamuutu himame.

Akka namoonni iJaan argan himanitti, namni kun hojjetaa gargaarsa namoomaa ta'uusaa ifatti himachuun lubbuusaa akka maaraniif kadhatus, loltootaan ajjeefameera jedhameera.

Haalli taateen kun itti mudates kan mul’isu, nageenya hojjettoota gargaarsa namoomaaf haalli mijataan jiraachuu dhabuufi Itoophiyaa keessatti bilisaan sochoo’anii hojjechuuf haalli jiru guyyaa guyyaan daran hammaachaa dhufuu isaati jechuun himaniiru.

Akkasumas rakkoon dhiittaa mirga namoomaa hammaachaa dhufuu isaa mul’isa jedheera Imbaasiin USA Itoophiyaa jiru ibsa isaatiin..
Itoophiyaatti qindeessituun deeggarsa namoomaa dhaabbatichaa Dr Kaatiriin Sozi ibsa baasaniin ajjeechaa raawwate balaaleeffataniiru.

Dr Kaatriin , Maatii hojjettoota deeggarsa namoomaa wareegamaniitti ergaa waaqni isin haa jajjabeessu jedhu dhaammachuun, akkaataa seera idil addunyaas ta'e biyyaa keessa jirutti hojjettoota deeggarsa namoomaaf eegumsi taasifamuu qaba jechuun gaafataniiru.

Ajjeechaan raawwatame qaamolee walabaan akka qoratamanii fi kanneen ajjeechaa kana keessatti qooda fudhatan akka seeratti dhihaatan mootummaa Itoophiyaa gaafatanii, Akka lammata hin mudanneefis mootummaan akka hojjetu gaafataniiru.

Gama biraatiin, mootummaan Itoophiyaa nageenya siiviilotaa fi hawaasa gargaarsa namoomaa eeguuf itti gaafatamummaa guddaa qaba, jechuun Imbaasiin USA Finfinnee jiru ibsa baaseera.

Sanarra darbeemmoo, qaamoleen hidhatan hunduu itti gaafatamummaa seerota namoomaa idil-addunyaa eeguu qabu jedhe. .

Qaamoleen hidhatan hundinuu namoota gargaarsi barbaachisu hunda bira ga’amee hojiin akka dalagamuuf tumsa danqaarraa bilisa ta’ee fi walitti fufaa ta’e gochuurra darbee, hojjettoota gargaarsa namoomaaf sochii nagaa qabu mirkaneessu qabu jedheera ibsi mootummaa Amerikaa baase.

Sadaasa 2020 irraa kaasee, hojjettoonni gargaarsa namoomaa torba Naannoo Tigraayi keessatti qofa kan ajjeefaman yoo ta’u, namni dabalataa tokkos kutaa biyyattii biraa keessatti du’eeraa jechuun qaamoleen kunneen ibsa isaaniin heeraniiru.

Hojjattoonni kunneen kan ajjeefaman namoota gargaarsa fedhaniif hojii lubbuu baraaruu wayita raawwachaa turanitti kan jedhe ibsi kun , Ajjeechaa hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwatu cimsinee balaaleffannas jedheera.

Haa ta'u malee ajjeechaan qaama kamiinuu hojjattoota gargaarsa namoomaas haa ta'u sivilota biyyattii irratti raawwatamu kamuu dhaabbachuu qaba, warri ajjeechaa raawwatanis seeratti dhiyaachuu qabu jechuun ibsa isaaniin akeekkachiisaniiru. 

Maandag 17 Mei 2021

BREAKING NEWS.



The Oromo Liberation Army (OLA) says it has taken control of "areas under the control of eastern Guji region" in Oromia region.

The OLA says it has captured "surrounding villages" in Borena district, and several other areas. As they say ...

OLA is at war with the Federal Government of Ethiopia and has reportedly taken control of many areas from the 'central government' ...

The Federal Government of Ethiopia has not commented on the OLA's claim that it has 'taken over areas' from the government forces ....

Donderdag 13 Mei 2021

Oduu

 ***Ilmaan Oromoo irratti tarkaanfii fudhachuuf kallattii kahamuu mootummaan ifatti beeksise***

 Caamsaa 13,2021

ondaalli mootummaa Gaataachoo Baalchaa ajjeechaan uummata nagaa irratti raawwatu daranuu akka itti fufuuf kallattiin kennamuu isaa yaada akeeku BBC afaan Oromoo irratti ibse. 


Dubbii isaatiniis "Qaama nama ajjeesurratti tarkaanfii walgitu fudhachuuf kallatiin kaa'ameera" jechuun kan hime qondaalli mootummaa kun, ajjeechaawwan Oromoo irra gahaa jiran akka sirrii ta'eef ajaja kenname caasaan gadii kan hojii irra oolchaa jiru ta'uu isaa ibseera. 


Ajjeechaa Godina Qellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doollootti dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu jedhamurratti raawwatame ilaalchisuun qondaalli motummaa Naannoo Oromiyaa yaada kenneen, qaama nama ajjeesurratti tarkaanfiin walgitu akka fudhatamuuf kallattiin kaa'ameera, ta'us garuu ajjeechichi akka jedhamu ummata fulduratti raawwatamusaa qabu hinqabu jedhe.


Kana jechuun namuma nagaa qabanii nama ajjeese jechuun lubbuu ilmaan Oromoo hedduu gaaga'uuf akka jiran dubbii BBC waliin taasiseen ibseera. 


Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaan murtee seeraa malee dargaggoo Amaanu'eel irratti raawwatame akkaan isa yaaddessuu kaleessa ibsee ture.


Qondaalonni mootummaa PP Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa kana balaaleffachuu irratti kan argaman, hojii isaanii saaxiluun kan isaan aarse akka ta'etti ibsaa jiru. Akkasumas dhaabbata mirga namoomaa akka waan maqaa isaan balleessuuf hojjetuutti BBC waliin turtii taasisaniin ibsaa jiru. 


Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa gabaasi komishinichaa loogii qaba jechuun komataniiru.


Waa'ee ajjeechaa magaalaa Dambi Doollootti dargaggoo Amaanu'eel irratti raawwatee hagas mara quba akka hinqabne kan ibsan Obbo Geetaachoon, garuu tarkaanfiin fudhatamuu hin mormine.


''Tumsa uummataan tarkaanfiin fudhatamuun quba qaba malee tarkaanfiin sun akkamiin akka fudhatame, eenyuu akka fudhate hinbeeku. Addabaabaayiitti ajjeefamuu fi bakka biraatti ajjeefamuu wantan quba qabu hinjiru. Uummanni garuu mufannaa guddaa qabaachuu quban qaba.''


Garuu tarkaanfiin akkanaa fudhatamuun akka irra jiraatu nan amana kan jedhan qondaalli kun, ''Humnoonni kunneenis kaayyoonsaanii ajjeesuu waan ta'eef humni nageenyaas qaamolee kunneen saaxilee tarkaanfii fudhachuutu irra jira jedheen amana,'' jedhan.


''Humni nama ajjeesee nama jiilchuuf deemu irratti tarkaanfiin gosa kamiiyyuu, bakka kamittuu fudhatamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanaaf kallattii kaa'ee hojjetaa jira.''


''Qaamolee nama sababa ilaalcha siyaasaa isaaf manatti ajjeesaa jiranirratti addababaayii mitii eessattuu tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Tarkaanfiin gocha isaaniin walsimu fudhatamuu qaba ejjennoo jedhu qabna.''


''Komishinichi naannoo Oromiyaa maqaa balleessuurratti hojjeta''

Obbo Geetaachuun waa'ee ajjeechaa addabaabaayiirratti raawwatee quba hinqabu jedhanis, Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa garuu dargaggoon Amaanu'eel Wandimmuu jedhamu erga shakkamee to'atamee booda poolisiin addabaabaayiitti baasee ajjeese jechuun yaaddoo qabu ibsee ture.


Ofii kan jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu quba qabu, mootummaan naannicha bulchu akkamiin hin beeku? gaaffii jedhuuf akkasiin deebii kennan.


Obbo Geetaachoon akkas jedhan: ''Komishiniin mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo hundumaa naannicha maqaa balleessuudhaaf hojjeta waan ta'eef an odeeffannoo akkasii hinqabu.


''Komishinichi dhaqee argemoo oduuma miidiyaa hawaasummaa gabaase? Gabaasi kun gabaasa gurra namaa bu'u waan ta'eef ragaadhaan waan qulqullaa'e ta'uu qaba. Qaama hundarraa osoo hinta'in qaama gartokkee qofa dubbisanii gabaasi qopheessan fudhatama hinqbau.''


Qondaalli bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Qellem Wallaggaa akka jedhutti dargaggoon ajjeefame kun nama rukutee osoo baqatuu qabamee, isa booda akka ajjeefameedha.


Odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa, namoota ijaan arganii fi Komishinii Mirga Namoomaa ammoo daragaggoo Amaanu'eel erga qabamee booda humnoota nageenyaa mootummaan addabaabaayiitti ajjeefame kan jedhuudha.


Mootummaan nama yakkaan shakkee to'aterratti tarkaanfii ajjeechaa kan fudhatu yoo ta'e, kanneen hidhatanii rakkoo uumu jedhamaniin adda addummaansaa maaliree?


Obbo Geetaachoon deebii kennaniiru: ''Wanti kun akka jedhamu ta'uu dhiisuu danda'a. Humni nageenyaa akkamiin tarkaanfii sana fudhate? Utuu inni baqatuu rukutemoo, addabaabaayiitti baasee rukutemoo?


Hunduu qulqullaa'uu qaba. Namni kun akkamitti rukutamee qofa osoo hin taane akkamitti nama rukute kan jedhus qulqullaa'uu qaba.''


''Garuu wanti jala muramuun irra jiraatu, humni nama ajjeeseen, mata agadi qabachiiseen biyya kana keessatti shororkaa uumee jiraadha jedhu yoo jiraate, abadan jiraachuu hin danda'u. Tokko du'aa, kaan ammoo taa'ee ajjeesuun gonkumaa fudhatama hin qabu.''


Nama nama rukutee baqaterratti tarkaanfiin fudhatamuu qabu tarkaanfii akkamiiti jennee dursinee yaaduu hin dandeenyu kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''Tarkaanfiin sun erga fudhatamee booda kallattii ittiin deemamerratti wanti qulqullaa'u yoo jiraate qulqulleessuudha,'' jedhan.


''Wanti dogoggorames yoo jiraate sana booddee dubbachuutu danda'ama malee battaluma kun ta'etti gartuu kanatu kana raawwate jettee gabaasuuf ragaan guutuun hin jiru. Komishiniin mirga namoomaas ragaa guutuu waan of harkaa qabu natti hin fakkaatu, sirrachuu qaba borumaafuu.''


Komishinichi torbee darbe waan Oromiyaa keessa jiru qoradheera jedhee akka ibsetti, poolisiin waraqaa mana murtii malee nama qabaa, erguma manni murti mirga wabii eegeefii yookiin bilisaan gadi dhiiseellee hin gadhiisu, akkitti qabamanii jiranis gaarii miti jedhee ibsee ture.


Kanarratti akka Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti yaadi keessan maali jennee Obbo Geetaachoo gaafanneerra.


''Guutummaatti gabaasichi kan yeroosaa eeggate miti. Gabaasa waan Oromiyaan keessa jirtu agarsiisu miti. Komishinichi akka waan ofiisaatii gadi bu'ee qoratee adda baaseetti gabaasa dhiyeesse, sun dogoggora. Kanammoo Poolisiin Oromiyaas, Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaas ibsa irratti kennaniiru,'' jedhan.


Obbo Geetaachuun itti dabaluun, ''Gabaasichi ta'e jedhamee mootummaa naannichaa maqaa balleessuuf kan dhiyaateedha ejjennoo jedhu qaba mootummaan,'' jedhan.


Qabiyyee gabaasa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa keessa tokko, namoonni waraqaa mana murti malee poolisiidhaan hidhamu kan jedhuu fi manni murti akka ba'an wayita murteessullee mana hidhaa tursiifamaa jiru kan jedhuudha.


Obbo Geetaachoon gabaasi komishinichaa guutummaatti soba jedhanis, garuu namoonni hedduun osoo manni murti mirga wabii eegeefii jiruu akkasumas bilisaan gadi dhiisee jiruu mana hidhaatti ugguramnii jiraachuu BBC illeen yeroo garaa garaatti gabaasaa turun ni yaadatama.


Dhimma kana qondaala Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka bu'uun dubbatu kanaaf wayita dhiyeessinu, ''kun dhimma mootummaa naannoo keenyaa miti, dhimma seeraati. Dhimma seerri qabatee jiru irratti yaada kennuu hin danda'u,'' jedhanii turan.


Gabaasni nuti madda odeessa keenya BBC irraa arganne akka akeekutti ilmaan Oromoo nagaa ajjeesuun sirrii akka ta'etti himaa jira qondaalli mootummaa kun. Kun ammoo egeree biyyattiif daranuu madda yaaddoo akka ta'u ibsuun barbaachisaadha!

Woensdag 12 Mei 2021

 Madaa Hamaa 😢 😢 

=================

Ajjeechaa Amanuel Wondimuu daa’immaan xixxiqqa argitan kanniin mana baasanii isaan afootti raawwatan. 


Ummanni Dambii-Doolloos ta’ee ummanni Oromoo iddoo adda addaa jiru waan kana cal’isee bira darbuu hin qabu. 


Kunoo ilaalaa caasaan bulchiinsaa fi Nageenya magaalichaa Hundi bifa kanaan dhaabbatee ilaalaa turee! - osuma Namni akkanatti ilaalu ajjeessan.


Oduu Gaddaa


 

Oduu gaddaa 12/5/2021

 Waraanni mootummaa abbaa hirree Dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu marfata magaalaa Dambi Doolloo irratti ija hawaasa duratti baasuun rasaasa itti roobsuun ajjeese.


Waraanni mootummaa abbaa hirree Itoophiyaa magaalaa qellem waggaa magaalaa Dambi doollootti dargaggoo Amaanu'eel Wandimuu jedhamu marfata magaalichaatti baasuun bakka hawaasi ilaalutti haala nama suukanneessuun ajjeechaa irratti raawwatee jira.


Loltoonni mootummaa fi milishaan magaalaa Dambi doolloo dargaggoo kanaan ati miseensa abbaa torbeeti jechuun erga qabanii booda shugguxa piistool morma isaa irratti fannisuun miilla isaa erga rasaasaan rukutanii booda gara marfata magaalaa dambi doolloo geessuun uummata yaasaanii bakka uummati heedduun ilaalutti raasasa heedduu itti roobsuun ajjeechaa gara jabinaa irratti raawwateera.


wajjirri dhimmota koomunikeeshii magaalaa Dambi doolloo dargaggoon kun miseensa abbaa torbee waan ta'eef tarkaanfii irratti fudhannerra jechuun ija jabinaan ajjeechaa kanaan dhaadateera

Ajjeechaan akkasii magaalaa dambi doollootti irra deddeebiin raawwatamaa kan ture oggaa ta'u , yeroo darbe waraanni mootummaa abbaa fi haadha bakka tokkotti ajjeesuun daa'imman maatii malee hambisuun isaanii ni yaadatama.

Gochi humnootni nageenyaa magaalaa dambi doollootti rawwwatan kun , gocha sirnoota Itoophiyaa darbaniin uummata oromoo irratti raawwatamaa turaniidha.


Ajjechaa suukanneessaan dargaggoo Amaanu'eel jedhamu irratti raawwatame gocha farra oromoo ta'ee fi Itoophiyaan ilaalcha oromoof qabdu kan hin jijjiirre ta'uu ishee kan mullisuudha.

Magalaa dambi doolloo keessatti qaamoleen nageenyaa maqaa abbaa torbee jedhuun hawaasa nagaa dararuun ajjeessaa turuun isaanii ni yaadatama.

Biyya seerri jiru keessatti murtiin addabaabayii irratti ajjeefamuu dhala nama irratti qaamolee nageenyaa mootummaatiin raawwatamu bu'uura seera kan hin qabnee fi seera yakka namoomaatiinis kan nama gaafachiisuudha.

Bifuma wal fakkaatuun Godina Buunnoo Beddellee keessatti namootni saddeet humnoota mootummaatiin ajjeefamuun dhaga'ame.

Godinichatti ajaja bulchaan Godina buunnoo beddellee kenneen guyyaa dheengaddaa namootni saddeet shanee wajjin hidhata qabdu jedhamuun poolisii humna addaa oromiyaatiin ajjeefamanii laga gabbaa irratti erga gatamanii booda guyyaa kaleessaa reeffi namota kenneenii qarqara laga gabbaa irraa argamera. argameera.

Lagni gabbaa giddu galeessa aanaa cooraa fi Yaayyootti kan argamu oggaa ta'u , gochi dhala namaa ajjeesanii laga gubbaatti gatuu kanaan duras aanaa cooraatti raawwatamuun isaa ni yaadatamaa.

Ajjeechawwan suukanneessaan akkanaa ilmaan oromoo iratti bakkoota garagaraatti raawwatamu daran hammaachaa fi dabalaa jiraachuun beekamera







Oduu 12/5/2021

 1 Wallaga lixaa aanaa manasibuutti hidhattootti naannoo beenshaangul gumuuz gandoota baadiyyaa weeraruun miidhaa qaqabsiisaa jiraachuun dhaga'ameera.

Odeeffannoo bilbilaan arganne beenyaa gammadaa qindeeffateera


2 Waraanni mootummaa Dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu jedhamu marfata magaalaa Dambi Doollootti baasuun ija hawaasa duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesuun gabaafame , bifa walfakkaatuun Godina bunnoo bedelleetti namootni saddeet waraana mootummaatiin ajjeefamanii gatamuun dhaga'ameera. AKKA…..

3 Godina Harargee Bahaa magaalaa Watar keessatti mootummaan sababa filannoo biyyooleessa Itoophiyaa marsaa 6 ffaatiin hawaasa nagaa goolaa jiraachuun himame.
RAASTAA ________


4 Waldaan warra wangeelaa Afaan Oromoo biyya Ugaandaa magaalaa Kampalaa, Afooshaa Oromoo hordooftoota amantaa Islaamaa soomana irra jiraniif Afxirii dhiyyeessuun guyyaa har’aa soomana waliin furaani jiraachuu ergaan gamaasi nu qaqabe ni ifoomsa .

RAASTAA ____  

Oduu 13/5/2021

 Magaalaa finfinnetti Sirni afxirii fiinxaleyyii sirna qeenxee leellisaniin erga dhorkamee guyyaa lama booda baajata mootummaa Itoophiyaatiin guyyaa kaleessaa bifa hoo'aa ta'een raawwatameera.



Sirni afxirii guyyaa dheengaddaa magaalaa finfinnee marfata Abiyootitti geggeeffamuuf ture qindoomina humnootni fiinxaleeyii sirna moofaa leellisanii fi mootummaan Itoophiyaa taasisaniin haqamee turuun isaa ni yaadatama.

Bulchiinsi magaalaa finfinnee xalayyawwan wal xaxaa fi wal falmiisiisaa ta'an adda addaa bareessuun yeroo tokko ayyame yeroo biraa immoo dhorkuun isaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee erga bulchiinsi magaalaa finfinnee gocha dalagetti gaabbuun hawaasa bal'aa amataa Islaamaa hordofan dhiifama gaafatee booda guyyaa kaleessaa haala hoo'aa ta'een kabajameera.

bulchinsa magalaa finfinneetti , Itti aantuun kantiibaa magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee gocha farra amantaa fi wal qixxummaa raawwatameef dhiifama gaafachuun gochichi waliin jireenya hawaasa biyyattiif bu'aa hin qabus jedhanii turani.

Kanaanis guyyaa kaleessaa bakka haawasni musliimaa fi jaallattoonni isaa kumaatamaan lakkaa'an argamanitti sirni afxirii daandii gubbaa geggeeffameera.

Sirnicha irrattis abbootiin amantaalee fi ulaamonni gurguddoon walitti dhufuun soomana waliin hiikaniiru. Qondaaltonni mootummaa federaalaawaa fi naannolee, akkasumas hordoftoonni amantaalee biraas sirna afxirii obboleewwan isaa amantaa Islaamaa hordofan iratti argamaniiru. Kanaanis gochi gaarummaa qabu kaleessa marfata Abiyootitti godhame yaada warra Itoophiyaa moofaa kan cabseedha.

Marfati Abiyoot ykn adda baabayiin masqalaa qabeenya qaama kamiiyyuu otoo hin taane bakka qophiileen uumata heedduu hirmaachisu itti raawwatamaniidha.

Kanaanis qaamni marfati Abiyoot qabeenya kiyya qofa jechuun qophiilee qamni biraa geggeeffatu danquuf yaaluu farra waliin jireenya sabaaf sablammootaa fi amantiiti jedhamuun qeeqamaa jiru.

Magaalaan finfinnee wiirtuu fiinxaleeyii sirna moofaa waan taateef magaalicha keessatti qophileen aadaa fi amantaa adda addaa kabaja hin qabanu. Gareen mankararsaan magaalicha dhuunaftee jiru ilaalcha farra wal qixxummaa qabaachuu isaatiin magaalattiin mandara walitti bu'iinsaa taatee jirti.

Bara darbe gareen mankaraarsaan sirna durii leellisu barjaa bakka kabaja irreecha hora finfinnee fi Odaa Abbootiin Gadaa dhaaban buqqisuun isaanii ni yaadatama.





Maal taane?

 maal taanee? 


Maaltu ija nu qabee , maaltu waa adda baasuu nu dhorkee ? Rakkoo keenyaaf fala madaalawaa maaf hin laannu ? 


Oromoon akka bara dargiitti ''ana ilaalaa jiilaa '' jechisiifamaa ajjeefamuu eegale. jecha kana naannoo ani dhaladhetti 'abbaan abaluu akkas jedhe jedhamee dubbatma. Amaanu'ee kaleessa akkasitti ajjeefamuun seenaan sun haarome. nuun garuu maaltu nu qabee? 


Isa ayyama kennee si ajjeesisu moo isa sitti dhufee dhukaasee si ajjeesu irratti tarkaanfii yoo fudhanne bu'aa madaalawaa argannaa? inni dhufee si ajjeesu waa tokkoofi . ajajaa isaaf amanamee maallaqa argatuun jiraachuufi. kanuma. 


Inni ajaja kennee si ajjeesisu immoo diina keeti. shan sitti ergee shananuu yoo ofirratti ajjeefte bor kudhan bitata. amma inni jirutti ergamtoota isaa fixuu hin dandeessu. kanuma!


FALLI jiru isa ajaja kennuu , amaaketa isaa, hoogganaa isaa yoo ofirraa gombifte xaaxaa obbaafatte ! isa kaleessa ergamee dhufee si ajjeesus deebitee atumti ergatta ! siifis ergamaa ta'a . 


dubbii koo qola irraa fuudhuu ? Oromoon gatii baase yoo baasellee ABIYYIIN yoo ofirraa dua'aan adabe dhagaa tokkoo simbira sadii rukete. 


1,  du'atu irraa dhaabbata

2, Itoophiyaa diigee walabooma 

3, seenaa keessatti gantuu isaa harka isaan adabuu bara. 


kanaan achi hunduu qoosaadha. namni fala biraa qabdan immoo nuuf dhamaa!


GMN/lOTOONNI PP WBO-TTI MKAMAN